Faayidaalee hojii-dhabdummaatif akkamitti iyyatan
Faayidaaleen hojii-dhabdummaa maal faa dha?
Faayidaaleen hojii-dhabdummaa, dogongora ofii keessanii malee yeroo hojii dhabdan yeroodhaaf galii isiniif keenna. Maallaqichigalii keessan dhabdan bakka bu’a akkasumas yeroo hojii haaraa barbaaddan baasiwwan keessan kaffaluuf isin gargaara. Faayidaalen gibirawwan qacaraan(qacartoonni)0 keessan duraanii kaffalan irraa dhufa. Faayidaaleen fedhii maallaqaa irratti kan hundaa’u miti— dhiheenya hojii dhabuu keessan irratti qofa.
Jalqabuun duratti, gaaffilee baramoo kanneen waa’ee faayidaalee jiranii deebii mirkaneesaa.
Sarara intarneetii irratti iyyadhaa (Ingiliffaa fi Ispaanish qofa)
Karaan gaarii fi saffisaan sarara intarneetii irratti iyyachuu dha. Iyyannoon sarara intarneetii irraanii kan argamu afaan Ingliizii fi Ispaanishii qofaani. Iyyachuun dura, seera qabeessa ta’uu keessanii fi iyyachuuf maal akka isin barbaachisu baraa:
- Faayidaalen kan jiraniif, namoota sababa COVID-19 tiin hojii dhaban gargaaruufi. Seera qabeessa ulaagaa guutu ta’uu keessan asi irraa baraa.
- Tarreeffama kana ilaaludhaan faayidaalee hojii-dhabdummaa idileetif ulaagaa seeraa guutuu keessan baraa..
- Hojii-dhabdummaa idileetif iyyachuun dura, qophaa’uf akka isin gargaaru tarreeffama kana buufadhaa.
- Yoo isin of kan-qaxartan ykn sababa COVID-19 tiin kan hojii dabdan akkasumas faayidaalee hojii dhabdummaa idileetifulaagaa kan hin guunne taatan, Deeggarsa Weerara Dhibeetif (Pandemic Unemployment Assistance, PUA) seera qabeessa ta’uu maltu. Iyyachuun dura terreeffama filannoo kana buufadhaa (jalqaba hojii dhabdummaa idileetif iyyachuu qabdu)
- Isin Lammii Yuunayitid Isteetis (U.S) yoo hin taane illee, faayidaalee hojii dhabdummaaf iyyachuu ni dandeessu. Dabalata waa'ee lammummaa fi mirga seeraa keessan hojii baradhaa.
- Gaaffilee iyyannoo torbee COVID-19 keessan irratti gaaffannuufqophaa'aa.
- Waa'ee waan yeroo hojii-dhabdummaadhaf karaa sarara irraa iyyata galfattan gaafannuu caalatti baraa.
- Faayidaalee hojii-dhabdummaatif iyyachuuf, iyyata torbee galfachuuf fi odeeffannoo waa'ee faayidaalee keessanii argachuuf, waa'ee eServices, marsaaritee wabii qabu kan Qajeelcha Wabii Qacarrii caalatti baruuf, qajeelfama kanatti fayyadamaa.
- Yoo “Determination Letter” (Xalayaa Murtee) nu irraa fudhattanii ta'e fi itti walii hin galle ta'e, karaan iyyaannoo itti galchan salphaan sarara irraan eServices dhani. Yookin, Benefits Appeal form (Unkaa iyyaannoo Faayidaalee) fayyadamuu maltu.
(Afaan Ingilizii fi Ispaanishii qofa)
Bilibilaan iyyadhaa (turjumaanotni ni argamu)
Karaa bilibilaan iyyachuu ni dandeessu. Sababa weerara COVID-19 tin namoonni baay’een waa’ee iyyannoo isaanitiif waan bilbilaniif yeroowwan bilbila irraa baay’ee dheeraa dha. Isin gargaaruuf of kennineerra akkasumas turjumaanota afaanii qabna, kanaafuu yoo bilbilaan iyyachuu barabaaddan, gorsoonni gaarii kunneen isin gargaaru ni danda’u.
Bariidhan ykn barfachuudhan bilbilaa
Bariidhan ykn barfachuudhan bilbiluun carraawwan opireetara argachuu keessan ni dabala. (Sa’aatiwwan fi odeeffannoo giddu-gala iyyaannoo)
Bilbila deebisaa
Nu ta’uu danda’a! Maqaan keenya ENYUUMMEESSAA bilbiltuu keessanii irratti hin mul’atu ta’a. Yoo bilbilli keenyaa isin darbe ta’e, adeemsa iyyannoo keessaniif yeroo akka daballuuf gara keenyatti deebistanii bilbiluu qabdu.
Bilbilaan iyyachuuf, 800-318-6022 tti bilbilaa.