Fuula kana irratti
Faayidaalee hoji-dhabdummaa | Heyyama hojii kanfaltii qabu kan Maatii & Medikaalaa | Hojiilee fi leenjiii
Faayidaalee Hoji-dhabdummaa
800-410-0758 irratti bilbiluun iyyadhu. Oromo’n gargaarsa argachuuf Kan itti fufu 21 irratti bilbili (turjumaanni kanfaltii tokko malee ni argama). Duudaa yoo taate, rakkoo dhageettii, yoo qabaatte,yookaan dubbachuu hin dandeessu yoo tahe, 711 irratti bilbliluudhaan Tajaajiloota Rileey Waashingitan(Washington Relay Services) qunnamuu danda'eessa.
Yeroo lakkoofsicha irratti bilbiltu, ergaa kana (faayila wav) afaan Ingliffaan dhaga’uu dandeessa. Akkas jedha:
“Sababa bilbila baayyee keessumeessaa jirruuf, yeroo kanatti bilbila keessan kaasuu hin dandeenyu. Maaloo xiqqoo turaatii deebisaa bilbilaa, yookaan odeeffannoo hoji-dhabdummaa kara www.esd.wa.gov. marsariitii keenya irra barbaadaa. Obsa keessaniif galatoomaa. Nagaatti.”
Danuuma bibila heedduu keessumeessinu kana, is gargaaruf kutannee jirra. Turjumaanota ni qabna. Yoo karaa bilbilaa iyyachuu barbaadde, gorsawwan kunneen si gargaaruu danda’u.
- Carraa warra bilbila kaasan qaqqabuu argachuuf ganama bariidhaan yookaan galgala waariidhaan bilbili.
Sa’aatiilee hojii fi odeeffannoo giddugalichaa argadhu. - Bilbilicha kaasi Nu tahuu danda’a! Maqaa keenya ID galmee bilbilaa kee irratti hin argamu. Yoo bilbilli keenya si darbe, deebistee nuu bilbiluu qabda, kun adeemsa iyyannoo kee irratti yeroo dabala.
Utuu hin iyyatin dura:
- Yoo lammii U.S. miti taate, ammayyuu faayidaalee hoji-dhabdummaaf iyyachuu dandeesa. Waa’ee lammummaa fi mirga hojjechuu keetii caalmaatti hubadhu.
- Waa’ee eService, marsariitii nageenya isaa eegame kan Employment Security Department’s(Waajjira Nageenya Qaxarrii) caalmaatti hubachuuf qajeelcha kana Faayidaalee hoji-dhabdummaaf iyyachuuf, iyyannoo torbanii galchuuf akkasumas waa’ee faayidaalee kee odeeffannoo argachuuf eService fayyadami.
Iyyachuu:
- Waa’ee waan nuti yeroo sarara irratti(online) hoji-dhabdummaaf iyyattu gaafannu caalmaatti hubadhu
Iyyannoo booda:
- Yoo xalayaa murteeffannaa nu biraa fudhattee itti walii hin galtu tahe, karaan salphaan ittiin ol iyyatan sarara irra (online) eServices keessatti. Yookaan, Guca Oliyyannoo faayidaalee fayyadamuu dandeessa.
- Faayidaalee argachuuf, hojii barbaaduu qabda. Waa’ee ulaagaalee hojii barbaaduu caalmaatti hubadhu.
- Barruulee garagaraa hojjetootaaf fuula Gara hojiitti deebi’uu
- Fuulli hojii diduu gaaffilee waa’ee hojjetoota hojii isaaniitti deebi’uu didaniif deebii kenna.
- Kanfaltii dabalataa kan uumamu yeroo namni wayii faayidaalee fudhatee nuti booda akka isaan ulaagaa hin guunne bira geenyu dha. Maaloo yaadachiisa Kanfaltii dabalataa bira hin darbin.
Paid Family & Medical Leave(Heyyama Maatii & Medikaalaa kan kanfaltii qabu)
Paid Family & Medical Leave(Heyyamni Maatii & Medikaalaa kanfaltii qabu) faayidaalee hojjetoota Waashingiteniiti. Yeroo rakkoon fayyaa hamaan hojiirraa si dhorku yookaan miseensa maatiif kunuunsa gochuuf, daa’ima haaraa wajjin turuuf yookana miseensa maatii tajaajila waraanaa biyya biraatti godhamuuf qophaa’u wajjin yeroo dabarsuuf yeroo barbaaddu siif jira.
Waa’ee Paid Leave (Heyyama hojii kanfaltii qabuu) caalmaatti hubadhu
Hojiilee & leenjiiwwan (Afaan Ingliffaa fi Ispaanish)
Hojii yookaan ogummaa kee itti aanu argachuuf WorkSource si gargaaruu danda’a. Eegaluuf gara WorkSourceWA.com deemi. Leecalloolee jalatti, argarsiituu bakkaa WorkSource fayyadamuun biiroo sitti dhiyoo argadhu akkasumas tajaajila akkamiitu kara interneetaa akkasumas qaamaan argamuu akka danda’u ilaali.